Waa’ee Walabu Tech

Maaliif Walabu Tech barbaachise?

Afaan gufuu ta’uu hin qabu.

Yeroo mmaa kana teknoolojiin hojii, barnoota, qunnamtii, fi jireenya guyyaa guyyaa keessatti bakka guddaa qaba.

Haatahu malee Afaan Oromootiin barumsi ykn haala fayyadama teknoolojii ilaalchisee barruuleen qulqulinaan dhihaatan xiqqaadha.

Walabu Tech hanqinni beekumasa afaan ormaa fayyadama teknoolojii irratti gufuu hir’isuuf yaalii godh.

Teknoolojii Afaan Oromootiin barreessuu, barsiisuu, fi hubannaa uuma.

Walabu Tech duuba Eennutu jira?

Computer Science & Engineering

Ani NTNU(Norwegian University of Science and Technology) irraa barumsa Computer Science and Engineering eebbifame.

Teknoolojii salphisuun, barsiisuu, fi Afaan Oromootiin beekumsa dijitaalaa babal’isu irratti hojjedha.

Ergama

Teknoolojii nama hundaaf ifa gochuu

Teknoolojii walxaxaa salphifnee ibsina. Qajeelfama saplhaa ifa tahe dhiheessina.

Qajeelfama

Barruulee salphaa

haala fayyadama teknoolojii, Afaan salphaan deebisna. Teknoolojii akka nama hundaatti hubatamu taasifna.

Nageenya

Nageenya dijitaalaa

Scam, phishing, password, fi odeeffannoo dhuunfaa eegu irratti qajeelfama.

Internet & Bilbila

Fayyadama sirrii

Data qusachuu, saffisa fooyyessuu, fi bilbila sirnaan fayyadamuuf qajeelfama salphaa.

AI & Software

Meeshaalee ammayyaa

AI, apps, fi software hojii fi barnoota salphisan irratti barruulee fi qajeelfama.

Mul’ata

Teknoolojiin afaan hundaaf haa ta’u.

Oromoonni teknoolojii irraa akka hin mootummaa taane, akka baratan, akka hojii uumaniif fayyadaman, fi akka addunyaa dijitaalaa keessatti hirmaatan jechuun kaayyoo keenya keessaa isa guddaadha.

Barachuu jalqabi.

Teknoolojii salphaa fi hubatamaa waliin.