← Gara barreeffamoota
Abdii Baqoo

Qusannaa Data

May 31, 2026 dubbisa daqiiqaa 3
suuraa qusannaa daataa

Akkaataa Kuusaa Intarneeetii (Data Bundle) Moobaayila Keessanii Qusachuu Dandeessan

Baasiin intarnetaa yeroo ammaa kana namoota baay'ee yaaddessaa jira. Yeroo baay'ee odoo nuyi itti hin fayyadamin daataan keenya dafee dhumuun nama mofsisa. Haa ta'u malee, qindaa'inoota (settings) tokko tokko bilbila keessan irratti sirreessuun kuusaa intarnetii keessan dachaani itti fufsiisuu dandeessu.

Malleen salphaa fi bu'a qabeeyyii ta'an kanneen armaan gadii hordofaa:

1. Hojii Duubbee Appilikeeshinii Dhaabuu (Restrict Background Data)

Appilikeeshinoonni akka Facebook, Instagram, fi Telegram odoo isin isaan hin banin duubbeedhaan (background) intarneta fayyadamu. Kun immoo daata keessan odoo isin hin beekin fixaa.

  • Android irratti: Gara Settings > Network & Internet > Data Saver deemaa, achi counters Use Data Saver kan jedhu ifaa taasisaa.
  • iOS (iPhone) irratti: Gara Settings > Cellular > Cellular Data Options deemaa, achi counters Low Data Mode kan jedhu ifaa taasisaa.

2. Toftaa "Data Saver" Appilikeeshinii Keessaa Ifaa Gochuu

Appilikeeshinoonni miidiyaa hawaasaa dandeettii daata qusachuu of keessaa qabu. Qindaa'ina kana keessatti banuun dirqama:

Appilikeeshinii

Tarkaanfii Irra Deemtan

Bu'aa Isaa

TikTok

Settings > Data Saver > On

Viidiyoon odoo isin hin gadi dhiisin ofiin akka hin banne ittisa.

WhatsApp

Settings > Storage and Data

Fakkiidhaa fi viidiyoon ofiin akka hin buune (Media Auto-Download) dhaaba.

YouTube

Settings > Video Quality Preferences

Viidiyoon akka Higher Picture Quality irra hin deemne, Data Saver irra kaawaa.

Facebook

Settings > Media

Viidiyoowwan akka ofiin hin banne (Autoplay Off) taasisaa.

3. Haaromsi Ofiin Ofii (Auto-Update) Akka Dhaabbatu Gochuu

Appilikeeshinoonni bilbila keessan irratti argaman yeroo baay'ee odoo isin hin gaafatin ofiin of haaromsu (update). Kun yeroo takkaatti daata meegabayitii (MB) dhibba hedduu fixuu danda'a.

  • Google Play Store (Android): Banamaa, gara Settings > Network Preferences > Auto-update apps deemaa, achi counters Over Wi-Fi only kan jedhu filadhaa.
  • App Store (iPhone): Gara Settings > App Store deemaa, App Updates fi Automatic Downloads kan jedhu dhaabaa (turn off).

4. Daangaa Daataa Kaawwachuu (Set Data Limit)

Bilbilli keessan kuusaa intarnetii hammamii akka fayyadame akka isiniif hordofu fi yeroo inni dhumuuf jedhu akka isin akeekkachisu goc

setting

huu dandeessu. Gara Settings > Mobile Network > Data Warning & Limit deemuun daangaa meegabaayitii ykn gigabaayitii (GB) itti kaawwachuu dandeessu.

Gorsa dabalataa: Karaa irratti odoo jirtanii viidiyoo gara fulaa (screen) keessaniitti gadi bu'u (streaming) fagootti dhiisaa. Viidiyoon daata dafee guba. Hamma danda'ametti Wi-Fi bilisaa argamutti fayyadamaa!

1.Tarkaanfii 1: Toftaa Data Saver Banaa:Salphaa.

Gara qindaa'ina bilbila keessanii deemuun Data Saver ykn Low Data Mode ifaa taasisaa.

2.Tarkaanfii 2: Auto-Download Dhaabaa:WhatsApp fi Telegram.

Appilikeeshinii ergaa itti feetan keessa lixuun viidiyoon ofiin akka gadi hin buane cufaa.

3.Tarkaanfii 3: Play Store/App Store Sirreessaa:Haaromsi Wi-Fi Qofaan.

Haaromsi appii hundi akka Wi-Fi qofaan ta'u mirkaneeffadhaa.

setting

Subscribe

Barreeffama haaraa emailiin argadhu

Teknoolojii, tajaajila dijitaalaa, fi qajeelfama hojiirra oolu Afaan Oromootiin yeroo maxxanfamu siif erga.

Qoodi:

Yaadota

Yaadota fe'amaa jiru...