Eegumsa Dijitaalaa
Bara teeknoolojii fi intarneetni jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti iddoo guddaa qabaatan kana keessatti, dhimmi Eegumsa Dijitaalaa (Digital Security) yeroo kamuu caalaa barbaachisa. Hundi keenya bilbila harkaa, tableettii fi kompiyuutara gargaaramuun weebsaayitootaa fi applikeeshinoota adda addaa yommuu fayyadamnu, balaawwan saayibarii (cyber threats) adda addaaf saaxilamuu dandeenya.
Akkuma qabeenna keenna tikfachuuf balbalaa fi fooddaa mana keennaa cufachuu qabnu, qabeenya dijitaalaa keenna eeggachuufis balbalaa fi fooddaa qabeenya qabeenna keennaa cufachuun dirqama keenna.
Qabxiilee armaan gadii kanaan of eegannoo dabalataa gochuu dandeenya:
1. Jecha Darbii (Password) Jabaa Fayyadamuu
Jechi darbii keessan dula eegumsa keessan isa jalqabaati. Jechi darbii salphaan kan akka maqaa keessanii, guyyaa dhalootaa, ykn 123456 salphaatti hattootaan (hackers) irra gahamuu danda'a.
- Malli Gaariin: Jecha darbii mallattolee addaa (fakkeenya: @, #, $, %), qubeewwan gurguddaa fi xixiqqaa, akkasumas lakkoofsota walitti makamaniin barreeffame fayyadamaa.
- Gorsa: Akkaataa wal-fakkaatuun miidiyaalee hawaasaa fi iimeelii hundaaf jecha darbii tokko qofa hin fayyadaminaa.
2. Mirkaneessa Lammataa (Two-Factor Authentication - 2FA)
Mirkaneessi Lammataa (2FA) eegumsa keessaniif dallaa dabalataa ijaara. Eeyyamni kun yommuu banamu, namni tokko jecha darbii keessan yoo argatellee, gara herrega keessanii seenuuf koodii bilbila keessan irratti ergamu argachuu qaba.
- Hojimaata Isaa: Facebook, Google, Telegram, fi iimeelii keessan irratti amala 2FA jedhu banyanii itti fayyadamuu.
3. Sossobbii fi Gowwoomsaa Sarara Intarneetaa (Phishing) Off-eeguu
Hattoonni yeroo baay'ee weebsaayitoota sobaa kan akka baankotaa ykn miidiyaalee hawaasaa fakkéessanii liinkii adda addaa isiniif ergu. Liinkiiwwan "Liqiin bilisaa ba'eera", "Badhaasa mo'attaniittu", ykn "Akkauntii keessan sirreessaa" jedhan irratti cuqaasuun balaa guddaa qaba.
- Malli Gaariin: Liinkii hin beekamne kamiyyuu irratti hin cuqaasinaa. Addatti, ragaa iccitii keessanii kan akka lakkoofsa herrega baankii fi jecha darbii liinkii akkasii irratti hin guutinaa.
4. Softiweerii fi Appilikeeshiniiwwan Haaromsuu (Updating)
Sistemiin bilbilaa fi kompiutara keessanii (Android, iOS, Windows) yeroo hunda Haaromsa (Update) argachuu qaba. Haaromsonni kun baay'ee isaanii dhimmoota nageenyaa fi eegumsaa (security patches) hattoonni akka siriitti hin seenne ittisuuf dhiyaatidha.
- Gorsa: Appilikeeshiniiwwan yeroo hunda haaromsuun dandeettii of-irraa ittisuu isaanii cimsa.
5. Wi-Fi Ummataa (Public Wi-Fi) Of-eeggannoon Fayyadamuu
Wi-Fi bilisaa hoteelota, buufata boba'aa, ykn mana nyaataa keessatti argaman fayyadamuun ragaalee keessan salphaatti akka hataman gochuu danda'a.
- Malli Gaariin: Yommuu Wi-Fi ummataa fayyadamtani baankii keessan hin baninaa ykn ragaa iccitii hin erginaa. Yoo dirqama ta'e, VPN (Virtual Private Network) amansiisaa ta'e fayyadamaa.
Xumura
Eegumsi dijitaalaa beekumsa guyyaa guyyaan gabbifamu qabudha. Weebsaayitiin keenya walabu.tech yeroo hunda barannoowwan teeknoolojii fi nageenya saayibarii hawaasa keenya qaqqabsiisuuf qophiidha. Teeknoolojii ammayyaa yeroo fayyadamnu, of eegannoo dabalataa gochuun eenyummaa fi qabeenya keenya sarara intarneetaa irratti haa tiksannu!
"Nageenyi keessan quba keessan irra jira — Of-eeggannoon teeknoolojii fayyadamaa!"
Subscribe
Barreeffama haaraa emailiin argadhu
Teknoolojii, tajaajila dijitaalaa, fi qajeelfama hojiirra oolu Afaan Oromootiin yeroo maxxanfamu siif erga.
Mata duree wal fakkaatu
Yaadota fe'amaa jiru...